Eenyummaa fii Mallattoo Eenyummaa.

Eenyummaa fii Mallattoo Eenyummaa.

Zulhiija 19 / 1436
Sanbata Fuulbana 22 / 2008
October 3/2015

Eenyummaan Ibsama Nama dhuunfaa yookaan Hawaasa tokkooti. Abbaa dhuunfaa Tokkoofis tahee hawaasaaf Maali fii Eenyuu akka tahe hiika kan kennuudha. Eenyummaan walitti dhufeenya wanta hedduu tahuu ni mala. Wantoonni kun immoo seenaa adda addaa  yookaa hiika irratti hundaayuun  ni mala, Tarii kan wal irraa dhaalaman tahuunis ni danda’ama.

Ajandaa Eenyummaa wajjin wal qabate, kan dursu mallattoodha, Mallattoon kan uumamaan gonfannuu fii Tasumaa Adeemsasnis kan jijiiramuu mit. Eenyummaa Nama tokko ykn Hawaasa Tokkoo yoo yaadannu, kan dursee nutti dhufu Mallattoo dhiigaan argamu kanaadha. Mallattoon immoo  Eenyummaa keenyaaf  bu’uura kan nuuf tahuudha. Afaan, Aadaa, Seenaa Fii Safuun, Ibsa Eenyummaa tahanus, kan duraan ka’uumsa irraa hin turin, dhawaatumaan kan uumamu, kan Fooyya’anii  fii jabaatan Ibsama Foormulaa eenyummaati. Foormulaan kun kan xummura argatuu miti,  garuu Adeemsaan kan dabalamanii fii akkasumas kan hirdhifamanii fii kan fooyya’aniidha. Dhiigaan wal qixa ykn sanii ol kan Eenyummaa irratti Mallattoo /Arkarruu ( Ashaara ) buusu Amantiidha .

Shoorri eenyummaa keessatti isaan taphatan adda adda tahanus, Amantiin jiru ilma nama keessatti iddoo guddaa qaba. Amantiin kan ilmi Nama Eenyummaa isaa adda baasee hin ilaalle,  akka ibsama Eenyummaa isaa tahuu barbaadu, Aarsaa lubbuu kan kafaluuf Foormulaa Eenyummaa isaati. Seeronni  Amantii keessa jiran, Abbaa dhuunfaa Tokko ykn Hawaasa irratti shoorri inni taphatu akkuma guddachaa deemuun Aadaa taha. Eenyummaan Saaykolojiin, Soosholojiin, Antiropolojiin,  Damee Seenaa keessatti Hiikni mataa isaa kaawamee fii jira. Haa ta’u malee xummura hin argane.

Hiikkaa Eenyummaaf kennamu irratti walii galteen osoo hin kaawamin dhimmoota Eenyummaan wal qabatan irratti  walii galuun akka hin dandahamne ifaadha. Fakkeennaaf  Eenyummaan Hawaasa Oromoo baldhinaan ibsama adda addaa qaba. Ibsama isaa kana keessaa isaan murtaa’oon Naannoo Naannoon kan adda adda tahan yemmuu tahu, Hedduun isaanii kan wal fakkaataniidha. Ummata Oromoof: Dhiigni,Afaan,Aadaan, Safuun, Lafti, Akki Itti yaadu, Seenaan, Akkaataan jireenyaa,  Alaabaanii fii Amantiin  walitti gurmaa’aniiti, Eenyummaa isa hardha irra jirru kan bocuu dandahe.

Aadaan,Akkaataa jireenya, Seenaan iddoo iddotti haaluma adda addummaa qabu maraan Amantii adda addaa hordofa. Tahus garuu Dhiigni, Afaan,  Laftii fii Alaabaan isaan giddutti argamtu,  tokko isaan taasisu, haada cimaa uumuudhaan garaagarummaa gidduu isaani jiru wal dandeessisuun Eenyummaa jabaa isaan giddutti raggaasisee jira. Garaagarummaan Amantii kan Saba Oromoo keessa Jiru Akka Faayaatti kan walitti isaan hidhaa ture malee balbala Adda addummaa gidduu isaaniitti kan banan hin taane.

Kun fakkeenya Seenaa Hawaasa Oromooti. Islaamummaan Seenaa Hawaasa Oromoo keessatti Amantii Bakka gudda qabuudha .Ibsama Eenyummaa hawaasa Oromoo heddu tahuu isaatiin qaama seenaa hawaasa Oromoo tahuu dandaheera.  Islaamummaan keessumattuu yeroo duulli warra Kaabaa  hawaasa Oromoo irratti geggeeffamu, Aadaa fii Safuun ummata Oromoo akka Aadaa ummata Kaabaatiin hin jijiiramne gahee gudda taphateera. Keessummattuu yeroo Duula Faashistii Aste Minilik  Islaamummaan hawaasa gama walitti hidhuudhaaa fii hirmaachisuun hawaasni Oromoo qabsoo Bilisummaa isaatiif taasisu gargaaraa turee jira.

Hamma ammaattis Abbootiin Amantaa gaafii Bilissummaa Amantii Oromootiif shoora gudda taphataa jiru. Keessummattuu Beektonni Amantaa Islaamaa qubee hardha Ummanni Oromoo dhimma itti bahaa jiru kanaaf Akeekkii eenyuyyuu male hawaasa isaaniif kawaniiru..Keessummattuu Hordoftoota Amantaa giddutti walitti hidhanni jabaan akka uumamu gochuun Shoora guddaa taphatanii jiru. haaluma kamiinuu Afaan keenya Eegumsa eeggatee akka nu bira gayuuf  Islaamummaan gahee hangana hin jedhamne taphatee jira.

Barruu Qorannoo Obbo Milkeessas Midhaagssaa barreesan keeysatti Abbootiin Taayita (Broad cast Ethiopia Bara 2010) Afaan Gaazexaa fii Kuusbarruu itiin barreeffaman kan yeroo sanitti maxxanfaman Gaazexaawwan 34 fii Kuusbarruu 26 keessaa kan Afaan Oromootti dhimma bayaa turan lama qofaadha. Isaanis: Kuusbarruu Islaamaa Al-Islaamii  fii Ye Muslimoochi Guddaay jedhamaniidha. Islaamummaan Hawaasa Oromoo heddu keessatti Qaama Eenyummaa isaa hamma tahee jalqabe, Hawaasni Oromoo Afaan, Lafa, Seenaa, Alaabaa isaa Eegsisuu keessatti Gahee guddaa taphateera.

Amantiin Seera Ufii isaa dandahee fii akkaataa Eenyummaa ittiin bocu qaba. Kana keessaa inni Tokkoo Maqaadha. Keessumattuu Maqaalee Amantichaa keessatti akkaataa adda tahaniin farfamanii fii jaalataman,  Amanticha keessatti iddoo guddaa qaban , akkasumas Maqaalee Seenaa Amantii kana keessatti bakka gurguddaa Namoota qaban Mallattoo Eenyumaati. Mallattooleen Eenyummaa kunniin, Eenyummaa isaan kan biraa dhiibee Eenyummaa isaan kan ijaare osoo hin tahin, Foormulaa Eenyummaa isaan kaannin wajjiin wal ijaartee Enyummaa guutuu kan ijaaratuudha.

Maqaawwan Muhammad, Ahmad,Abdallaah, Khadiijaa, Faaximaa jedhu, Islaamummaa keessatti haala addaatiin kan Faarfamanii fii jaalatamaniif, Seenaa Amantichaa keessatti Eenyummaa Gahe guddaa taphataniidha. Keessumattuu (Muhammad) Maqaan jedhu Maqaa Ergama Rabbii Nabi (MUHAMMAD) Nageenyii fii Tolli Rabbii isaan irratti haa bu’u, waan ta’eef, eddoon Hawaasni Muslimaa isaaniif qabu maaliidha kan jedhu, barruu biraatiin walitti deebina taha yoo fedhii Rabbii taate. Akkasumas Khadiija jechuun ammoo haadha Manaa Nabi (MUHAMMAD) Nageenyii fii Tolli Rabbii isaan irratti haa bu’u, waan taateef Isaanis Haadha teenya kabajamtuudha seenaan isaaniis dheeradha Rabbiin hojii kheeyrii isaan irra haa jaalatu.

Namoottan maqaawwan kanniinitti dhimma bayan hunduu Eenyummaa isaanii irratti Eenyummaa Islaamummaa isaani ni dabalata. Maqoota kana jijiiruun Islaamummaa keessaa nama baasuu baatus Eenyummaa Islaamummaa Balfuu fakkaata. Maqoottan kunniin haa jijiiraman jechuun keessumattuu Eenyummaa sabaa wajjiin wal qabate kan deemu yoo tahe Eenyummaa Islaamummaa Nama Sanii irraa duguuguu taha.

Kan Islaamummaaf Amanamaa tahe, Kan Lubbuu isaa Amantii kanaaf Aarsaa kennuuf duubatti hin deebine,  Hawaasa Oromoo kana Mufachiisuun Haada Eenyummaa walitt isaan hidhu dadhabsiisuun garaagarummaa Uumuun Adeemsa qabsoo fii gaafii Biyyummaa keessatti rakkoo guddaa uuma. Islaamummaan Amantaalee biroo wajjiin wal dandahanii jiraatuu kan barsiisu yemmuu tahu, Muslimin Oromoo tokko Oromoo hordofaa Amantaa bira wajjiin tasa walitti bu’iinsa taasisan wal lolan hin jiru. Kun jabeenya hawaasa Oromoo Tokkoodha. Hawaasni Oromoo Amantiilee adda addaa hordofan FKN Muslima,Waaqeffataa, Ortodoksii, Pirotestant, Kaatolik  fii Amantiile biros, Amantiin Waaqeffataa Amantii Ufii isaa dandahe tokkoof Ibsama Eenyummaa Oromoota hedduu akkuma tahe, mara Amantiin Islaamummaas Oromoota Muslimaa hedduuf Ibsamma Eeyummaa isaani tahee jira.

Hordoftoota Amantiilee kana giddutti wal dandahuu, wal dhagahuu, walitti dhihaachuu, wal kabajuu,  kaayyo tokkoof waliin qabsaa’uun Baroota dheeraaf kan ture tahus,  daanga isaa tokko inni tokko tarkaanfachuu yoo jalqabe, qabeenyi keenya kun baduuf balballi ni banama. Maqoonni Muhammad, Khadiijaa fii k.k.f Kan Eenyummaa Islaamummaa calaqqisan jijiramuu qaban jechuun, Eenyummaa Oromoo walii galuunii fii wal dandahaa baroota dheeraf jiraataa ture san caalaa Eenyummaan Waaqeffataa akka caalaqqisuuf kan taasisuuf kiyyoo Waaqeffatan ilaalamee kan murteen dabarfameedha.

Murteen Kun hawaasa Oromoo keessatti komii fii walii galtee dhabuu kan uumu tahuu isaatiif carraa kanatti diinota keenya biraa kan gamachiisuu fii garaagarumma keenya baldhisuudhaan wal dhabbii hin qabbanoofne kan itti uumaniif karaa isaaniif mijeesssudha .Kanaaf Hatatamaan Gochi kun osoo hin babaldhatin sirreeffamni barbaachisu huundi akka kennamuu fii Namoottan dhimma kana irratti itti Amana jedhan hawaasaa irratti daangaa dabran uf Eeggannoo akka taasisaniin dhaamsa kooti.

Hamzaa Booranaa