Hawaasa Musliimaa Itiyoophiyaa Irratti Adabbiin Hidhaa Waggaa 7 Hanga 22 Irratti Murteeffameera!

Diraamaan Dhaddachaa Goolabameera!

Diraamaan Dhaddachaa Goolabameera! Hawaasa Musliimaa Itiyoophiyaa Irratti Adabbiin Hidhaa Waggaa 7 Hanga 22 Irratti Murteeffameera! Murtoon Bakka Bu’oota Keenya Irratti Darbe Madda Kaka’umsa Qabsoo keenyaa Ta’uun Itti Fufa! Wiixata Adooleessa 27/2007 Sagaleen keenya haa dhagahamu! Diraamaan adeemsa murtii Bakka bu’oota keenya irratti waggoottan darbaniif geggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumura argateera! Mootummaan guyyaa har’aa murtoo adabbii siyaaasaa bakka bu’oota keenya irratti kan dabarse yommuu ta’u, himatamtoota kudha saddeettan (18) irratti murtoo adabbii hidhaa waggaa 7 hanga waggaa 22 irratti murteessee jira. Haala kanaan Abubaker Ahmed, Ahmaddiin Jabal, Yaasin Nuuruu fi, Kaamil Shamsuu irratti adabbii hidhaa waggaa 22, Badiruu Huseen, Saabir Yirguu, Mohammad Abaatee, Abubaker Alamuu fi Muniir Huseen irratti adabbii hidhaa waggaa 18, Sheek Makkataa Muhee, Ahmed Mustxafaa, Said Alii, Mubaarak Ademii fi Khaalid Ibraahim irratti adabbii hidhaa waggaa 15, Nuuruu Turkii, Baharuu Umer, Yuusuf Geetaachoo, fi Muraad Shikuur irratti adabbii hidhaa waggaa 7 irratti darbsee jira. Murtoon adabbii kun yeroo dubbifamutti Goototni keenya hundi Takbiiraa jechaa turan! Murtoon gaddisiisaa kun, murtoo madaala isaa hin eeggannee fi murtoo seeraan alaa akka ta’e, Aangaa’oonni Mootummaa murtoo kana dabarsan, Abbootiin Alangee diraamaa kana wuxinanii fi Abbootiin Seeraa hundi ni beeku. Akkasumas Waggoottan darbaniif qabsoo nagayaa taassisaa kan ture hawaasni Musliimaa biyyatti fi Uummatni biyyattii qabsoo kana deggeran hundi murtoon kun murtoo madaalaa isaa hin eeggannee fi murtoo seeraan alaa akka ta’e ni beeku. Murtoon kun qabsoo keenya finiinsinee akka itti fufnuuf kan nu kakaasu malee murtoo qabsoo keenya irra nu fageessu akka hin taane beekamaa dha. Haala dhugaa jiruun, qabsoo nagayaa murtoo adabbii hidhaatiin dhaabuun kan danda’amu osoo ta’ee, sirni Appaartaayidii Afriikaa Kibbaa hin diigamu ture! Maandeellaan Hoogganaa qabsoo ta’uu isaa malee “qabsicha waan hin taaneef”, “Shororkeessaa” jedhamuun hidhamus qabsichi garuu Balbala Injifannoo irra gahuu irraa waan isa daangesse hin jiru. Adeemsi seenaa Ilmaan namaa adeemsa dhaabbii hin qabne kan nu barsiisu dha. Abbootiin irree uummata hacuucu… ummatichis hacuuccaa kana morma…uummatichi hacuuccaan kun akka dhaabbatuuf qabsaa’a… uummatichi qabsoo isaa akka dhaabuuf abbootiin irree uummaticha hidhu, reebu, ajjeesu…xumura irratti Uummatichi Injifannoo argata! Murtoon adabbii guyyaa har’aa bakka bu’oota keenya irratti darbes murtoo ni darba jedhamee eegamaa ture waan ta’eef, qabsoo keenya cimsinee itti fufna jechuu irraan kan hafe ibsa biraa hin qabnu. Qabsoon fuula keenya dura jiru qabsoo imala dheeraa deemsisu dha! Qophiin nuti qabsoo dheeraa kanaaf taassisuu qabnu ibsa Gaafa Iidii darbe keessatti ibsamee ture. Qophiin kun qabxiilee ja’a kan qabu yommuu ta’u isaanis:

Proojektiiwwan Uummataawaa ni qabaanna -Inshallah! Qabsoon nagayaa keenya Uummaticha bu’uura kan godhate waan ta’eef, adeemsi qabsoo keenyaa gara fuula duraatti taassifnu, bal’inaan hawaasicha kan hirmaachisu ta’a. Adeemsi isaas adeemsa nuti hanga yoonaatti taassifne dabalatee waltajjiin namni kamuu gareenis ta’e dhuunfaatiin qooda isaa itti bahu ni mijeeffama- Inshallah! Qabsoon keenya tarsiimoolee qabsoo filatamoo qofa irratti kan daangeffamu hin ta’u. Musliimni kamuu dandeettii, fi beekumsa amantii Islaamaa itti tajaajiluu fi deggersa qabsoo itti taassisu ni qaba. Dandeettii, ga’umsaa, beekumsaa fi carraa akkanaa kana immoo bifa ittiin qabsoo mirga amantiif oolchuu fi haala qaroomaa ta’een adeemsisuutu barbaachisa. Sahaaboonni Rasuulaa (s.a.w) hundi illee dandeettii gara garaa kan ittiin beekaman ni qabu. Sahaaboonni kun gariin isaanii Quraana barreessuutiin, gariin Quraanaa ilaalchisee bal’inaan Qura’aana hiikanii barsiisuu (Tasfiiraan), gariin isaanii gama beekumsa Hadiisaatiin, gariin isaanii qarshii isaanii gumaachuun, gariin isaanii tooftaa diina ittii of irraa ittisan beekuu fi gootummaatiin, gariin isaanii Zuhudiitiin (Duniyaa kana tuffachuun Aakiraa yaadachuun), gariin isaanii yaada gabbataa maddisiisuunii fi gariin isaanii ammoo gorsa kennuu irratti hirmaachuun gahee mataa mataa isaanii bahachaa turan. Kun kan agarsiisu Musliimni hundi dandeettii fi gahumsa Rabbiin badhaase hojii irra oolchuu akka qabu kan hubachiisu dha. Islaamummaa keenya keessatti gochaan gaarii tuffatamu hin jiru! Kaka’umsi dhuunfaatiin taassifamus kan tuffatamu miti! Gochaawwan gaggaarii namoota baay’ee biratti salphaa fakkaatan, hojii guddaa ta’uun isaanii Rasuulli keenya (s.a.w) nu akeekaniiru. Hadiisa Nasaa’iinii fi Ibnu Maajaan gabaasan keessatti Rasuulli keenya ancufa kallattii Qiblaa irratti tufame arguun yeroo mufiin itti dhagahametti, Dubartiin Ansaara (r.a) irraa taate tokko, ancufa tufame kana bakka irratti tufame irraa haxooftee kaasuun bakka sanatti urgooftuu (shittoo) biifte. Gochaa ishee kanattis Rasuulli keenya (s.a.w) gammaduun, “kun dalagaa akkam bareede dha!” jechuun faarsan. Dubartiin Ansaar irraa taate kun hojii ishee faarsise kana dalaguuf ajaja hin eegne. Kaka’umsa mataa ishee irraa ka’uun ture gochaa kana kan dalagde. Gochaawwan kana fakkaataniif fakkeenya hedduu fiduun kan danda’amu ta’us, hundi keenya iyyuu ilaalcha “ani dandeettii hin qabu, gumaachi ani taassisu hin jiru” jedhu qabaachuu hin qabnu. Hundi namaa iyyuu dandeettii, Beekumsa duuniyaa fi diinii, yeroo fi humna Rabbi kenneef irraa ni gaafatama. Musliimni kamuu qabsoo mirga amantii isaaf taassifamu keessatti “ani maalin gumaachuu danda’a?” jechuun of gaafachuu dha qaba. “Ani nama dhuunfaa tokko dha! Jijjiirama maali fiduun danda’a?” ilaalcha jedhu tasuma of keessaa qabaachuu hin qabnu. Gahumsaa fi dandeettii dhuunfaatti aansuun immoo hojiiwwan gareetiin/gamtaatiin hojjettaman maal maal akka ta’an addaan baafnee beekuuti nurraa eegama. Naannolee jirru keessatti hojiiwwan nuti gamtaan (jama’aan) hojjechuu dandeenyu maal akka ta’an irratti marii bal’aa taassisuu dha qabna. Kallattiin adeemsa keenyaa kan nuti gara fuula duraatti taassifnu, adeemsa hirmaannaa hawaasaa bu’uura godhate kan hordofu ta’a. Haaluma kanaan dheerina qabsoo keenyaa xiyyeeffannoo keessa galchuun, hirmaannaa Hawaasichaa bu’uura godhachuun qabsoo itti fufuuf hojiiwwan jahan (6) armaan gaditti heeraman haa dalagnu!:- 1. Qabsoo yeroo dheeraa taassisuun, Injifannoo argachuuf du’aayiin haalaan barbaachisaa dha. Musliimoota dirree qabsoo keessa jiran ilaalchise Rabbiin Quraana isaa kabajamaa keessatti akkana jechuun faarsa: “jechaa isaanii keessattis “Yaa Rabbii keenyaa! Diliiwwan keenya a fi haala keenya keessatti daangaa darbuu keenya nuuf araarami, faana keenya gad nuuf dhaabi, orma kaafirtootaa irrattis nu tumsi (nu moossisi) kan jedhan malee waan biraa kan jedhan miti” (Quraana Suuraa Al-Imraan 3:147) Kadhannaa Qabsaa’oonni Rabbiin gaafatan kana Rabbiin hanga guyyaa dhumaatti akka fakkeenyaatti Quraana isaa keessatti yaadachiiseera. Du’aayiin (kadhannaan) isaanii ammoo Araarama Rabbi irraa gaafachuu (Istigfaara), bakka isaanii irratti gad dhaabbannoo fi Injifannoo of keessatti qabata. Kanaaf du’aayii keenyatti jabaachuu dha qabna. 2. Hawaasichi dhuunfaatiin of sakatta’uu fi hojiiwwan gareetiin/gamtaatiin dalagamuu malan irratti marii taassisuu qaba. Yaada qabus gama ergaa keessaa Peejii/fuula keenyaatiin erguu danda’a. Namni kamuu beekumsa duuniyaa fi diinii, barumsa, dandeettii dhiibbaa uumuu, dandeettii fi carraa odeeffannoo argachuu, dandeettii gargaarsa maallaqaa gochuu, dandeettii yaadaa fi tooftaa maddisiisuu qabnuu fi kanneen kana fakkaatanitti fayyadamuun qabsoo keenya cimsinee akka itti fufnuuf nu gargaaru. Kanaaf Iida kanaa fi guyyoota itti aanan 15 keessatti haala naannawa keenya hubannoo keessa galcheen yaada kan itti kenninu ta’a. Inshallah! 3. Qabsoo tokkoof gurmaa’insi barbaachisaa dha. Keessumaayyuu sochii Mootummaa mirga amantii sarbuuf taasisu of irraa qolachuuf gurmaa’uu, irraan kan hafe carraan biraa hin jiru. Hojii hojjetamu Jama’aatiin/gamtaan hojjechuun Gargaarsa Rabbii argamsiisa. Kanaaf haala Qabsoo nagayaa murteessaa kana fayyaduun gurmaa’uuti nurraa eegama. 4. Odeeffannoon qabsoo keessatti meeshaa murteessaa dha. Hacuuccaa Mootummaan bakkeewwan adda addaatti nurraan gahu beekuuf carraaquunii fi odeeffannoo argannus namoota hin dhageenyeef dabarsuu qabna. 5. Hojiiwwan diddaa hawaasummaa dhorkachuu cimsinee itti fufna. Tooftaawwan diddaa hawaasummaa dhorkachuu bal’inaa fi gosa gosaan hojiirra oolchuun fedhii Rabbiitiin bu’aa akka argamsiisuuf hirmaannaan nama hundaa barbaachisaa dha. Ilaalchi “ani jijjiirama maalii fiduun danda’a?” jedhu kan hirmaannaa dhuunfaa xiqqeessu hatattamaan of keessaa balleessuutu nurraa eegama. Qabsoo keenya finiinsuuf odeeffannoo dabarsuu waliin ibsaawwan asiin dura dhimma diddaa hawaasummaa dhorkachuu ilaalchisee kennamaa turan yaadachuun namoota hin hubanne hubachiisu dha qabna. 6. Deggersi hawaasichi Obboleewwan Adeemsa qabsoo keenyaa keessatti wareegama kaffalanii fi kanneen dabaan hidhamaniif taassisaa jiru baay’ee kan jajjabeeffamu dha. Kutaawwan Addunyaa gara garaa irraa Hawaasni Musliimaa lammiilee Itiyoophiyaa ta’an qabsoo kana irratti gahee mataa isaanii bahachuuf ergaawwan nuun gahaa jiru. Deggersi isin taassisaa jirtan kun cimee itti fufuu dha qaba. Rabbi dalagaa keessan isin irraa haa qeebalu jenna.

Egaa qabsoo nagayaa itti aanu itti fufsiisuuf qabxiiwwan jahan kana haa hubannu. Qabxiiwwan jahan kana akka ce’umsaatti itti gargaaramuun, miirri qabsoo hawaasa Musliimaa biyyattii hunda keessatti uumame kun dabalataan finiinee akka dhangala’u taassisuu qabna. Hundi keenya fuula keenya gara qabsootti haa naannessinu! Injifannoon Rabbi irraa malee qaama birraa irraa miti! Murtoon Bakka Bu’oota Keenya Irratti Darbe Madda Kaka’umsa Qabsoo keenyaa Ta’uun Itti Fufa! Qabsoon keenya fedhii Rabbiitiin hanga balbala Injiffannootti itti fufa! Sagaleen keenya haa dhagahamu! Allahu Akbar!